• Fri. Mar 13th, 2026

Arsii Bahaa Aanaa Xiyyoo keessatti kaabinoonni sirnichaa uummata dararaa jiraachuun himame

Jul 25, 2025

ONM-ABO Adoolessa 25, 2025 

Godina Arsii Bahaa aanaa Xiyyoo magaalaa Goljaa jedhamu keessatti kaabinoonni sirnichaa magaalicha irra qubsiifamanii jiran jiraattota magaalichaa fi uummata aanaalee godinichaa hunda irratti yakkoota garaa garaa raawwachaa jiraachuu jirattoonni magaalichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akkuma guutummaa impaayerattiitti kaadiroonnii fi kaabinoonni sirnichaa yeroo dhiyoo as leenjii dabalataa jechuun gara mooraa leenjii Awaash Bishoollaatti geeffamanii fudhachaa kan turan yoo ta’u, leenjii isaanii kanas hawaasa nagaa ittiin dararaa  jiraachuutu mul’ata.

Arsii Bahaa aanaalee garaa garaa fi magaalaa Goljaa keessatti manneen nyaataa fi dhugaatii akkasumas, bakkoota itti uummatni heddumminaan wal ga’an irra deemuun yakka tokko malee namoota saamuu, reebuu fi gochoota garaa garaa hawaasa Oromoo godinichaa cufa irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Kana malees halkan halkan manneen hawaasaa irra deemanii jiraattotatti mana tumuun naga’ee seeraa tokko malee dukkana halkaniitiin qarshii 1000 uummata irraa fuuchaa jiraachuu fi kanneen waan kaffalan hin qabne immoo reebicha hamaa erga irratti raawwataniin booda manaa fuudhanii achi buutee dhabamsiisaa jiraachuus jiraattonni itti dabaluun ifoomsaniiru.

Aanicha keessatti adda durummaan yakkoota ulfaatoo kanneen hawaasa magaalichaa irratti raawwachaa kan jiran bulchaa magaalichaa fi kaabineen Bilxiginnaa maqaan isaa Musxafaa Teneshuu jedhamu waliin ta’uun uummata magaalaa fi baadiyyaa aanichaa hiraarsaa jiraachuun ifoomeera.

Guutummaa impaayerattii keessatti baatiilee darban keessa leenjii haaromsaa fi barnoota dabalataaf gara mooraa Awaash Bishoollaa irraa leenjii xumuranii kan bobbaafaman kaadiroonni fi kaabinoonni Bilxiginnaa, yeroo ammaa kanas barnoota dabaa murna Bilxiginnaa irraa fudhatanii bobba’an bifa saamichaa fi ajjeechaatiin hawaasa nagaa irratti agarsiisuun hojiitti hiikaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading