ONM-ABO Adoolessa 25, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Igguu Bochii keessatti loltonni faashistii PP Adoolessa 24, 2025 nama nagaa maqaa isaa Abdataa Bulchaa Iddoosaa jedhamu abbaa maatii kan ta’e firoota isaa fuula duratti rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattotni gandichaa miira gaddaan guutameen ONM’tti himan.
Namni ajjeefame kun hojii qonnaa dalaguun maatii isaa kan jiraachifatu malee hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaayyuu kan hin qabne yoo ta’u, loltootni faashistii PP garuu ati deggaraa WBO’ti jechuun akka ajjeesan jiraattotni itti dabaluun himanii jiru.
Aanicha keessatti waraana shiftaa PP’n yakkootni adda addaa irra deddebbiin haala duraan barameen olitti hammaatee jiraachuu jiraattotni miira gaddaa fi abdii kutannaan guutameen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.

