• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Bachoo keessatti ergamtoonni faashistii PP jiraattota jalaa biqiloota gosa garaa garaa ciranii mancaasuu fi saamaa jiraachuun himame

Jul 26, 2025

ONM-ABO Adoolessa 26, 2025 

Iluu Abbaa Booraa aanaa Bachoo ganda Fuugoo Saardoo jedhamu keessatti Adoolessa 23, 2025 ergamtoonni sirnichaa nama maqaan isaa Mujariib Huseen jedhamu jalaa beenyaa tokko malee biqilaa bunaa fi baargamoo inni qabu buqqisuun biqiltuu baala shaayee wayita dhaaban,  “seeraa eegaa lafti kun kan kooti; maaliif biqilaa kiyya na jalaa haramtanii mancaastu?” wayita inni jedhu, “sababuma seeraa nuun jetteefuu adabamuu qabda” jechuun qarshii 16,000 irraa fudhatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, namni kun hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi hojii dhuunfaa isaa hojjetachuun jireenya isaa kan geggeeffatu ta’uu himuun, kaadiroonni fi hidhattoonni sirnichaa garuu biqilaa inni itti dafqee dhaabbate ittiin jiraatu badii tokko malee jalaa haramuun lafuma inni waggoota dheeraaf irra qotatee jiraachaa turee fi abbummaan isaa kan isaa ta’uu jiraattonni naannichaa beekan aangoo isaaniitti dhimma ba’uun humnaan harkaa fudhachuu dubbatu.

Dalabalataanis, gandoota kanneen akka Bakkee fi naannoo Haroo Shaayee jedhaman keessattis ergamtoonni sirnichaa bulchaa aanaa Bachoo nama maqaan isaa Mohaammadnuur jedhamuun durfamuun jiraattota jalaa biqiltuu jimaa fi buna isaanii sababuma biqiltuu baala shaayee dhaabna jedhuun ciranii mancaasaa jiraachuun beekameera.

Gareen naasuu fi gara laafina tokkollee dhala namaaf hin qabne gara jabeeyyiin ergamtoota sirna nama nyaataa impaayerattii, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti akkuma fedhan bobba’uun meesha maleeyyii ilmaan Oromoo irratti yakkoota garaa garaa raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Leave a Reply