ONM-ABO Adoolessa 26, 2025
Aadaa fi safuu uummataa Oromoo cabsuun yakkoota duudhaa uummataa hin ibsine dalagaa kan oolan jaleewwan murna PP, gochaawwan badii isaanii hammeessuun aanaa Jaarsoo araddaa Uuruu Buttuu jedhamtu keessatti kaabineen Bilxiginnaa maqaan isaa Raashaad Ibraahim jedhamu, haadha ijoollee 6 kan taate dubartii maqaan ishee Aadde Riyaanaa Abdurramaan jedhamtu dirqiin gudeeddii irratti raawwatee jiraachuu maddeen ONM’f gabaasan.
Ergamtoonni sirnichaa jireenya lammiilee nagaa mancaasuu adeeffattan kunneen, abbaa warraa dubartii kanaa kanaan dura humnaan ukkaamsuun adda waraanaatti erguun maatii isaa hiyyummaatti erga hambisaniin booda, amma ammoo gara maatiitti deebi’uun yakka safuu cabsuu haadha manaa isaa irratti akka raawwatan dabaluun ifoomee jira.
Saba nagaan jireenya isaa geggeeffachuuf tattaaffatu dararuun tooftaa bulchiinsa isaanii kan godhatan shiftoonni murna PP kabajaan namummaa irraa hin calaqqisne guutuu Oromiyaa keessatti dhala namaa dararaa jiraachuun kan beekamuudha.





