• Sun. Nov 22nd, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Kiiramuutti hidhattoonni Amaaraa maanguddoo Oromoo tokko ajjeesuun himame

Jul 26, 2025

ONM-ABO Adoolessa 26, 2025 

Aanaa Kiiramuu ganda Waastii jedhamutti finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa Faannoo jedhu moggaafachuun socho’an Adoolessa 24, 2025 maanguddoo Oromoo maqaan isaanii Ayyaanoo Mangistuu jedhaman haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Finxaaleeyyiin Amaaraa gandoota aanichaa fi godina Horroo Guduruu Wallaggaa mandheeffatanii ilmaan Oromoo akka baalaatti harcaasaa jiran bakka kanatti irra deddeebiin saamicha, ajjeechaa fi ukkaamsanii bakka buutee dhabamsiisuun qarshii gurguddaa gaafataa jiraachuun ibsamee jira.

Murni Bilxiginnaa fi finxaaleeyyiin Amaaraa kallattii isaaniif mijate maraan harka wal keessa galfatanii hariiroo waliin uumuun gargaarsa wal irraa argataniin ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguu kaayyoo isaanii godhatanii gara jabina guddaan socho’aa jiru.

Leave a Reply