• Tue. Jan 13th, 2026

Erga Bashar Al Asaad kufee as lammiileen Siiriyaa miiliyoona 2.2 ol gara biyyaatti deebi’aniiru jedha Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii

Jul 29, 2025

ONM-ABO Adoolessa 29, 2025 

Lammiileen Siiriyaa miliyoona 2.2 ol – namoota biyya keessaa buqqa’anii fi baqattoota biyya alaa irraa deebi’an dabalatee – ji’oota darban keessa gara biyya isaaniitti deebi’uu isaanii, hawaasni addunyaa biyya waraanaan miidhamte kana keessatti tattaaffii dandamachisuu fi deebisanii ijaaruuf deggarsa akka cimsan gaafateera.

“Hanga walakkeessa ji’a Adoolessa keessaatti, baqattoota gara 700,000 ta’an kanneen biyya alaa irraa deebi’an waliin gara naannoo isaaniitti miliyoona 1.5 ol kan deebi’an yoo ta’u, saffisni deebi’uu yeroo gannaa fi dhuma bara barnootaa xiqqoo dabaleera,” jedhan Edem Wosornu, daayreektarri hojii fi abukaatummaa Waajjira Qindoomina Dhimma Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (OCHA). Hogganaa olaanaa gargaarsa namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan ta’an Toom Fileecher bakka bu’uun Mana Maree Nageenyaatti haasawaa taasisaniiru.

Wosornuun “qoqqobbii gama tokkoon” salphisuu, deggarsa Baankii Addunyaa damee humna ibsaa Siiriyaa deggaruuf kennu, fi invastimantii naannoo dabaluu simachuun, garuu bu’aan kun tajaajiloota mootummaa duraanuu dadhaboo ta’an kanneen akka eegumsa fayyaa, barnootaa fi bishaanii irratti dhiibbaa dabalataa akka fidu akeekkachiisaniiru.

Hawaasni addunyaa “qabeenya Siiriyaa deebisanii ijaaruu fi misoomaaf akka sochoosu” gaafataniiru.

Erga dhuma bara 2024tti sirni Bashar al-Asaad aangoo irraa kaafamee as bulchiinsi haaraan Siiriyaa haaromsa dinagdee fi siyaasaa kan jalqabe yoo ta’u, taphattoota naannoo fi idil-addunyaa waliin tumsa ijaaruuf tattaaffii cimsee jira.

Gara waggoota 25f hogganaa Siiriyaa kan turan Asaad Muddee keessa gara Raashiyaatti baqachuun sirna Paartii Baaz kan bara 1963 irraa eegalee aangoo irra ture xumureera. Bulchiinsi ce’umsaa haaraan Pirezidaantii Ahmad al-Sharaan durfamu baatii Amajjii keessa ijaaramuu Dhaabbanni Oduu Turkii Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading