• Fri. Mar 13th, 2026

Sirna Nyaata Addunyaa Marsaa 2’ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti Abiy Ahimed gabaasa sobaa haala impaayerattii hin ibsine dhiyaassaa oole

Jul 29, 2025

ONM-ABO Adoolessa 29, 2025 

Akka  gabaasa Dhaabbilee Gargaarsa Namoomaatti impaayera Itiyoophiyaa keessatti lammiilee miliyoona 20 ol kanneen miliyoona 10.8  daa’immanii fi buqqattoota ta’an gargaarsa barbaadanitti Abiy Ahimed Impaayerri Itiyoophiyaa daandii jijjiiramaa karoora gareen Bilxiginnaa baaseefiin argachaa fi fayyadamaa ta’aa jiraachuu qaanii tokko malee walga’ii Sirna Nyaata Addunyaa Mootummoota Gamtoomanii marsaa 2’ffaaf Finfinnee keessatti jalqabe irratti dubbachaa ture.

Qamadii alaa galchuu dhiisnee miidhaan nyaataan of danda’uuf karoora tarsiimawaa bafannee hojjechaa jirra jechuun gabaasa barreeffamaa akka paarlaamaaf dhiyeessutti kan dubbataa ture Abiy, Itiyoophiyaa irra darbee Afrikaa bakka bu’uun addunyaaf dhaamsa dhaamuu fi gorsa kennaa ture.

Gabaasa inni dhiyeesse dhimma qonnaa yoo fudhanne qonni impaayerattii gaarummaan dhiyaate baatii muraasa dura gaazexaa addunyaa beekamaa The Economist’iin kan qeeqamee fi baay’ina oomisha qamadii hin oomishne Itiyoophiyaan sobaan ibsatte jechuun ragaa fi fakkeenya biyyoota qamadii oomishuun beekaman fudhatee sobsiisuun osoo gabaasni ishee dhugaa ta’ee jedhee turuun ni beekama.

Gama biraan qonnaan jijjiirama nyaata daa’immanii fi guddina isaaniif illee wabii ta’uu kaasus gareen kun waraana, taankii, diroonii qe’ee hawaasaatti bobbaaseen daa’imni waggaa lamaa gadii godina Iluu Abbaa Booraatti du’uu fi Lixa Shaggar aanaa Meexxaa Walqixxeetti daa’imni waggaa 10 gadii gudeedamtee ajjeefamuu argine.

Dubartoota ga’oomsaa jirra, akka hawaasa hogganan gooneerra jedhus Aadde Kuulanii Hawaas dabalatee dubartoota hedduu kanneen da’anii ciisan, ciniinsuu irra jiranii fi kanneen biroo haala adda addaa keessatti badii tokko malee ajjeesanii jiraachuun ni beekama.

Itiyoophiyaan Abiy Ahimed gabaasaan bareechee akka waan qonnaan fooyyofteetti dhiyeessuuf yaalee fi muuxannoo gaarii argatan irraa ka’uun warra kaan ammoo gorsuu bifa fakkaatuun dhiyeesse kun yeroodhuma dhiyoo kana gabaasni kufaatii ishee dhaabbilee idil addunyaan dhihaachaa tureera.

Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaa qaala’iinsi jireenyaa keessatti hammaatee fi keessa jiraachuuf ulfaatu keessaa 1’ffaa jechuun gabaasni tokko yoo ibsu, IMF ammoo Itiyoophiyaatti namoota 5 keessaa 1 akka beela’an ibsuun haalli dinagdee ishee waliin isaa hin beekamu jedheera.

Lafa uummatni xaa’oo fi sanyii filatamaa hin arganne akkasumas, karaa seeraan alaa maallaqa guddaa baasee bitatee of jiraachisuuf hojjechaa jiru keessatti gabaasa lakkoofsi guddaa fi jechootni mimmidhagoo fi siyaasaa  itti baay’atan dhiyeessaa turan.

Waltajjii Abiy Ahimed akka isa jajanii fi mootummootaa fi dippiloomaatota addunyaa kadhatee argate kana ilaalchisuun xaaliyaaniitti ambaasaaddarii Itiyoopiyaa Aadde Dammituu Hambisaa EBC irratti dhiyaachuun ibsa laachuu irra yaada godaantee  turte.

Sobni Bilxiginnaa dhaabbii kan hin qabne yoo ta’u, lafa nageenyi dhabamee namni waan nyaatu dhabee killeen tokko qarshii 20 ol ta’etti torbee darbe aannaan uummatni argachuu hin dandeenye akka liitira108 namni tokko dhugetti waliigala oomisha aannan impaayerattii liitirii biliyoona 13 jechuun miidiyaa isaaniin gabaasee turuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading