ONM-ABO Adoolessa 30, 2025
Aangawoonni kibba Siiriyaa jiraattota Diruuz magaalaa Suwaydaa keessaa Kibxata kaleessa eegumsa nageenyaa fi qindoomina mootummaatiin baasan.
Bulchiinsi Suwaydaa ibsa kenneen, “Haala mijeessuu fi eegumsa nageenyaa mootummaa jalatti gareen lammiilee Diruuz Suwaydaa gadhiisuu barbaadan bakka sanaa baafamaniiru” jedheera.
Bulchiinsa kana karaa qaxxaamuraa gargaarsa namoomaa Busra al-Sham bulchiinsa Daraa keessatti konkolaataa otoobisoota shan fayyadamuun kan gaggeeffame ta’uu ibsameera. Daraan kanaan dura jiraattota Suwaydaa irraa buqqa’an bakka yeroof gaaddisaa godhatan kan ture ta’us, ibsichi bakka dhumaa hin akeekne.
Erga dhukaasa dhaabuu Adoolessa 19 booda, gareewwan Diruuz hidhatee fi gosoota Bedooyin gidduutti torban tokkoof lola lubbuu namaa galaafateen yoo xiqqaate namoonni 426 du’uu isaanii hordofuun tasgabbiin dadhabaan Suwaydaatti deebi’uu isaa Neetworkiin Mirgoota Namoomaa Siiriyaa (SNHR) ibseera.
Mootummaan ce’umsaa Siiriyaa Mudde 8, 2024 erga bulchaan duraanii Bashar Al Asaad erga aangoo irraa kaafamanii booda aangootti kan dhufe yoo ta’u, nageenya guutuu biyyattiitti deebisuu fi waldhabdee biyya keessaa mariidhaan akka salphisu waadaa galeera jechuun Anaadooluun gabaaseera.


