• Sat. Jan 3rd, 2026

Godina Gujii Bahaa Aanaa Gooroo Doolaa keessatti loltoonni murna Bilxiginnaa lama hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennatan

Jul 30, 2025

ONM-ABO Adoolessa 30, 2025 

Ilmaan Oromoo diina saba isaaniif ergamuun uummata isaanii dararaa akka jiran hubatan, kanneen quuqama Oromummaa qaban balfamaa mooraa waraana PP ganuun WBO’tti makamuu itti fufuun dheengadda Adoolessa 28, 2025 aanaa Gooroo Doolaa mooraa waraana PP ganda Haadha Dhaddachaa jedhamu keessaa miseensonni waraana Bilxiginnaa lama hidhannoo guutuun wabii Oromootaa kan ta’e WBO’tti harka kennatanii jiraachuu hooggansi WBO onichaa ONM’tti himee jira.

Loltoonni sirnichaa duraanii meeshaa isaanii qabachuun WBO’tti harka kennatan kunneen, gocha duguuggaa sanyii murni PP saba Oromoo irratti geggeessaa jiru balfuun akkasumas, osoo sabni keenya dhumuu alagaaf hin ergamnu jechuun akka ba’anii fi simannaa WBO’n isaaniif godhettis hedduu gammaduu himuun, hiriyoota isaanii mooraa diinaa keessatti hafanii sirna cubbamaa kanaaf qawwee baachaa jiraniin ammoo, yeroon ammaa yeroo itti bilisummaa uummata keenyaaf hiriirree lollu waan ta’eef, sirna dhiiga ilmaan Oromoo lolaasaa ooltuuf ergamuu dhiisaatii hidhannoo keessan qabachuun WBO’tti makamaatii Oromiyaa walabummaa gonfachiisuuf qabsaa’aa jechuun dhaamaniifii jiru.

Loltoonni koloneel Abiy Ahimed guutuu Oromiyaa keessaa guyyuu ganuun meeshaa isaaanii qabatanii WBO’tti makamuu, gariin ammoo lubbuu isaanii aarsaa hin malleef oolchuu dheessanii harka qullaa miliqanii badaa jiraachuun kan mul’atuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading