• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti loltoonni impaayerattii maatii qabsaa’otaa dararuu hammeessan 

Jul 31, 2025

ONM-ABO Adoolessa 31, 2025 

“Ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira; daftanii bosonaa hin galchitan taanaan asuma keessatti dhumtu” jechuun maatii qabsaa’otaa mana hidhaatti guuranii doorsisaa kan jiran lukkeeleen Bilxiginnaa, godina Buunnoo Beddellee keessaa maatii qabsaa’otaa jumlaan ukkaamsanii hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.

Aanaa Cawwaaqaa araddaa Daabanaa jedhamu irraa tiksitoonni impaayerattii suphuuf halkaniif guyyaa dhama’an lolaan waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu dadhabuun gara maatii qabsaa’otaatti deebi’anii dararaa ulfaataa qaqqabsiisaa kan jiran yoo ta’u, torban darbe keessa qonnaan bultoota maqaan isaanii:

  1. Magarsaa Abdurhamaan,
  2. Nuuree Abdurhamaan,
  3. Iftuu Aliyyii fi
  4. Haadha Yusuuf Ahimad 

jedhaman hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Qonnaan bultoonni kunneen sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun kan hidhaman ta’uu fi osoo hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa hin qabaatin badii tokko malee maqaa “ilmaan keessantu hidhatee bosona jira” jedhuun kan hidhaatti darbataman ta’uun baramee jira.

Akkuma aanichaa fi impaayerattii guutummaa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa ajaja qaama isaanii olii irraa itti kennamu fudhatanii bobba’uun maatii qabsaa’otaa dararuu cimsanii itti fufuun ibsamee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading