• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabaratitti hidhattoonni murna Bilxiginnaa daa’ima ganna 14 tokko ajjeesuun dhaga’ame 

Jul 31, 2025

ONM-ABO Adoolessa 31, 2025 

Godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Ererii Taaratii jedhamu keessatti hidhattoonni Bilxiginnaa Adoolessa 27, 2025 daa’ima ganna 14 maqaan isaa Hingaabbuu Irree Damissee jedhamu qabanii halkan tokkoof hidhuun reebicha ulfaataa erga irratti raawwataniin booda manuma hidhaa keessatti ajjeesanii gatuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Mucaan kanaan waraana bilisummaa Oromootiif bilbilta ittiin jechuun osoo inni haadhaa fi obboleewwan isaa waliin magaalaa irraa galaa jiruu isaan biraa qabuun mana barnootaa Ereer Taraaraa jedhamu dudduubatti reebaa turuu jiraattotni dabaluun eeraniiru.

Akka jiraattonni keesa beekan jedhanitti daa’imni kun barnoota isaatti jabaachuu malee qaama siyaasaa tokkollee deggeruufis ta’e mormuuf nama sochii tokkoyyuu hin goone ta’uu ibsaniiru. 

Abbaa daa’ima kanaa kan ta’e Obbo Irreen bara bulchiinsa Wayyaanee keessa milishaa ta’uun waggaa 27 kan tajaajile yoo ta’u, bara bulchiinsa pp kanattis milishaa sirnichaa ta’uun hojjechaa kan jiru ta’uu jiraattonni dubbataniiru.

Akkuma kanaan Jimaata darbe Adoolessa 26, 2025 Obbo Irreen  yakkamtoota jedhamuun namoota hidhaan itti murtaa’e gara waajjira poolisii aanaa Abuunaa Gindabaratitti geessee achi kan ture oggaa ta’u, osoo inni achi irraa hin deebi’in galata pp’f hojjechuu  waraanni Abiy Ahimed immoo mucaa ajjeesanii eeguun ifoomeera. 

Du’aa mucaa ishee oggaa lafatti agartu amanuu dadhabuun gaddaa fi rifaatuu guddaan kan gaggabde haati mucaa kanaa osoo abbaan manaa koo isin waliin sirna kanaaf hojjetuu galatni keenya kana ta’ee jechuun boo’ichaan gara mana isheetti deebitee galuu fi akkuma aanichaatti rakkoon hawaasa Oromoo irra gahaa jiru hammaatee kan jiru yoo ta’u, imaltoota konkolaataa irraa buusanii reebicha, ajjeechaa fi saamicha garaa garaa irratti raawwachaa jiraachuus ifoomsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading