ONM-ABO Adoolessa 31, 2025
Empaayerri Itiyoophiyaa Oromiyaa guutuu cicciree bocaa fi qabiyyee isheen amma qabdu balleessuuf malaa fi tooftaalee garaa garaa fayyadamuun yeroo irraa gara yerootti bakkeewwan Oromiyaan daangaa naannoolee waliin qabdu irratti hojjechaa ture jabeessuun dhiheenya kana daangaa Oromiyaa lafoota akka Boorana, Baalee fi Harargee mootummaa Soomaalee jala galchuun wal qabsiisee uummanni kallattii garaa garaan mormii isaa geggeeffachaa fi wareegama itti kaffalaa jiraachuu gabaasni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaa qaqqabu ni addeessa.
Haaluma kanaan godina Baalee Lixaa aanota kanneen akka Gurraa Dhaamolee fi Barbarree dabalatee lafa guddoo daangaa Oromiyaa cabsuun Soomaalee jala kan galchan yoo ta’u, torbee kana keessa aanaa Gurraa Dhaamolee ganda Burqaa iddoo jedhamutti hawaasni bahee ofirraa loluun namoonni hedduun ajjeefamanii, kaan hidhamuun, kaan reebamanii qamni isaanii guutuun caccabuu fi qabeenyi isaanii guutummaatti saamamaa jiraachuu jiraattonni dubbataniiru.
Namoonni falma lafa isaanii weerartoota Soomaalee waliin taasisaniin lubbuun isaanii darbe baay’inaan 10 ol yoo ta’an isaan keessaa kan maqaan nu ga’e:
- Aliyyii Yusuuf,
- Siraaj Kamal,
- Abdurhamaan Waaqoo fi
- Kamaal Kadiir
kanneen jedhaman yoo ta’an, kanneen rasaasaan rukutamanii lubbuun isaanii hafuun yaalamaa jiran ammoo:
- Abdulmaalik Mahaammad,
- Shaayiid Mahaammad fi
- Abdurruuf Aliyyii kanneen jedhamaniidha.
Ittuma fufuun waraanni Impaayera Itiyoopiyaa fi Soomaalee waliin ta’uun, namoota uleedhaan reebuun, namootni qaamni isaanii caccabe hedduun jiraachuu jiraattonni yoo himan, isaan keessaa kanneen maqaan nu qaqqabe:
- Ibsaa Umar,
- Abdullaaxiif Haji Umar,
- Caalaa Haaji /Umar fi
- Kaalid Haaji Sultan
kanneen jedhaman yoo ta’an, ganduma Burqaa kana keessatti beelladoota hedduu kanneen akka gaala, re’ootaa fi loon baay’ee kumootaan lakka’aman iddoo bishaanii fi bobbaa irraa hidhattota Soomaaleen kanneen saamaman:
- Maalimii Adam,
- Abubakar Siraaj
- Mahaammad Amiin Haji Abdulsalaam fi
- Siraaj Huseen
kanneen jedhaman guutummaatti qabeenya isaanii saamamuun waan ittiin jiraatan dhabuun yaaddoo hamaa keessa jiru jedhu jiraattonni naannichaa.
Godina kana keessatti saamicha lafaa fi duguuggaa sanyii sabicha irratti raawwachuuf carraaqqiin murna Bilxiginnaa hedduu jabaa kan ture yoo ta’u, yeroo darbe aanaa Harannaa Bulluq ganda Rirna keessatti hawaasa guutuu buqqisuun lafa uummatni irra ture sana cufa gurgurachuun hawaasni irraa buqqa’uu yoo didu dargaggootni fi maanguddoonni hedduun waraana Bilxiginnaa wajjin lola wal irratti bananii turaniin lubbuun isaanii darbuu fi qabeenya isaaniis harkaa barbadeessanii namoota hedduus qabanii hanga har’aatti mana hidhaatti hiraarsaa jiraachuun ifoomeera.
Erga miidhaan akkasii hawaasa kana irra ga’ee waggaa tokko guutuuf baatiin 2 qofti kan hafe yoo ta’u, hanga ammaatti uummatni kun iddoo qubatu wallaalee burjaajjii hamaa keessa galuun sadarkaa bittinaa’uu fi beelaan maatiin harkatti miidhamuu irra ga’ee jira jechuun dabalataan jiraattonni yaada isaanii ONM’tti himanii jiru.
Nuti loltoota Soomaalee bifa barbaanneen of irraa dhowwuu ni dandeenya garuu, loltoonni Bilxiginnaa birmannaa meeshaa gugurdaa fi humna namaa gochuun miidhaa hedduu nurraan gahaa waan jiraniif Oromoon hundi quba qabaatee akka nu bira dhaabatu jechuun jiraattonni aanicha irraa dubbisne dhaammatanii jiru.

