ONM-ABO Hagayya 2, 2025
Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qallinaa fi Tuchii Sumayyaan keessatti Roobii Adoolessa 30, 2025 Bilxiginnaan ergamtoota waraana isaa itti bobbaasuun namoota afur qabuun, lama achi buutee dhabamsiisuun lama ammoo ganda Boffoo Jawwee jedhamu keessatti rasaasa itti roobsuun ajjeessanii gatuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namootni haala suukkanneessaa ta’een ajjeefaman kunneen maqaan isaanii:
- Fitaalaa Gadaa jiraataa ganda Waldaa Qallinaa kan ta’ee fi
- Siidoo Galaan jiraataa ganda Tuchii Sumayyan ta’uu jiraattotni ibsaniiru.
Kanneen ukkaamfamuun dhabamsiifaman ammoo obboleessa dargaggoo ajjeefamee:
- Dabalaa Galaan fi
- haadha manaa isaa Dammoo Nabii jedhamtu akka ta’an jiraattotni addeessaniru.
Oduu birootiin ammoo aanaadhuma Dugdaa gandoota garaa garaa keessatti daballoonni murna Bilxiginnaa maqaa kaffaltii adda addaan uummata dararaa akka jiran jiraattotni itti dabaluun ibsaniiru.
Maddeen akka himanitti, dargaggoonni kunneen siyaasa kam irraa bilisa ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa garuu maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansanii gara jabummaa hamaa ta’een ajjeesuu fi dhabamsiisuu dubbatu.
Ergamtoonni Bilxiginnaa kanneen teessoo siyaasaa nam-tokkee tiksuuf goleewwan Oromiyaa cufatti bobbaafaman ilmaan Oromoo hunda sobaan yakkuun duguuggaa sanyii irratti raawwachuu itti fufanii jiru.


