• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti finxaaleeyyiin Amaaraa faannoon uummata nagaa jumlaan ajjeesuu itti fufan

Aug 2, 2025

ONM-ABO Hagayya 2, 2025 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Andoodee Diichootti finxaaleeyyiin Amaaraa Adooleessa 31, 2025 namoota nagaa maqaan isaanii:

  1. Tasfaayee Dhugaasaa,
  2. Kamaal Ittaanaa,
  3. Nugusee Muluu,
  4. Balaay Taayyee fi 
  5. Amaaree 

jedhaman ajjeesanii deemuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattotni himanitti finxaaleeyyiin Amaaraa kunneen waraana Bilxiginnaa waliin hariiroo kan qaban yoo ta’u, osoo waraanni Bilxiginnaa hawaasicha keessa socho’uu taateen kun nu irratti raawwatamaa jira jechuun jiraattonni dubbatu.

Finxaaleeyyiin Amaaraa murna Bilxiginnaa irraa deggarsa meeshaa fi maallaqaa argachuun Oromiyaa keessatti ijaaraman yeroo garaa garaatti uummata nagaa irratti ajjeechaa suukkanneessaa, uukkaamsuun maallaqa gurguddaa gaafachuu fi saamicha qabeenyaa irra deddeebbiin raawwachuun ilmaan Oromoo qe’ee fi qabeenya isaanii irratti roorroo fi gidiraa hamtuuf saaxilaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading