• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuutti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa “deggersa raayyaa ittisa biyyaa” jedhuun jiraattota saamaa jiraachuun himame

Aug 2, 2025

ONM-ABO Hagayya 2, 2025 

Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu ganda Meexxii Guddaa keessatti jaleewwan Bilxiginnaa Adoolessa 29, 2025 irraa eegaluun maqaa deggersa raayyaa ittisa biyyaa jedhuun nama tokko irraa qarshii 5,000 afaan qawwee itti qabanii sodaachisuun saamaa jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni himanitti, gandicha keessatti saamichi bifa akkanaa kun naga’ee seeraa tokko malee irra deddeebiin raawwatamaa jiraachuu fi hawaasa harka qalleeyyii qarshii gaafataman kaffaluu dadhaban ammoo doorsisni garaa garaa jaleewwan sirnichaan irratti raawwatamaa jiraachuu dubbatu.

Kana malees, yeroo ammaa kana guutummaa aanichaa keessatti maqaa miseensa WBO’ti jedhuun dargaggoota adamsanii hidhaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, dargaggoonni hedduunis sababa kanaaf jecha qe’ee maatii isaanii irraa baqachaa kan jiran ta’uu jiraattotni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading