• Wed. Jan 14th, 2026

Shaggar Sitii Magaalaa Buraayyuu keessatti milishoonni PP dargaggoo tokko erga saamanii booda ajjeesanii gatuu jiraattotni himan

Aug 2, 2025

ONM-ABO Hagayya 2, 2025 

Murni Bilxiginnaa waraana isaa shiftummaa leenjisee bobbaasuun uummata nagaa irratti gochoota suukkanneessaa raawwachisaa jiraachuun kan beekamu yoo ta’u, murni badiin kun guyyaa guyyaan uummata nagaa ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi mana jireenyaa irratti gubuun buqqisuu hojii idilee godhachuun ilmaan Oromoo roorroo fi gidiraa hamtuuf saaxilaa jiraachuun waan baratameedha.

Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti namootni nagaan badii tokko malee shiftoota Bilxiginnaan bobbaaseen irra deddeebbiin ajjeefamaa, saamamaa fi hidhamaa kan jiru yoo ta’u, Shaggar Sitii kutaa magaalaa Buraayyuu naannoo Malkaa Gafarsaatti milishoonni Bilxiginnaa dargaggoo maqaan isaa Dhibbaa Boolee Margaa jedhamutti saamanii ajjeesanii gatuun reeffa isaa warabeessi nyaachuun torbee tokko booda argamuu maddeen himan.

Akka maddeen himanitti dargaggoon kun dhalootaan godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluq ganda Rifeentii Caabir yoo ta’u, akkuma nama kamiiyyuu hojjetee of jiraachisuuf gara Finfinnee deemuu maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Murni Bilxiginnaa waraana isaa shiftummaa leenjisee bobbaasuun uummata nagaa irratti gochoota suukkanneessaa raawwachisaa jiraachuun kan beekamu yoo ta’u, murni badiin kun guyyaa guyyaan uummata nagaa ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi mana jireenyaa irratti gubuun buqqisuu hojii idilee godhachuun ilmaan Oromoo roorroo fi gidiraa hamtuuf saaxilaa jiraachuun waan baratameedha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading