ONM-ABO Hagayya 3, 2025
Godina Walloo aanaa Daawaa Caffaatti bulchaan godina Walloo Obbo Ahimed Ali Abbaa Afroo Adoolessa 31, 2025 osoo magaalaa Shaaklaa irraa gara magaalaa Kamiseetti galaa jiruu yaalii ajjeechaa qaamotuma isaaniin irratti raawwatame hordofee hidhattootni sirnichaa baaraguun namootuma argan cufa reebanii miidhaa qaamaa irraan ga’aa turuu maddeen ONM’f eeraniiru.
Akka jiraattotni aanaa Daawaa Caffaa jedhanitti, loltootni sirnichaa raayyaa ittisa Impaayerattii ofiin jedhan erga yaaliin ajjeechaa bulchaa godinichaa irratti raawwatameen booda magaalaa Shaaklaa fi ganda Waladdee jedhamu keessa naanna’anii namootuma argan mara reebaa akka turan himuun, ganda Waladdee jedhamu kanatti dargaggoo Abduu jedhamu osoo inni loon bobbaasee galaa jiruu badii tokko malee itti marsanii dhukaasa irratti banuun qabanii reebicha ulfaataa irraan ga’uu dabaluun dubbatan.
Dargaggoo Abduunis reebicha loltoota sirnichaan irratti raawwatame kanaan miidhaan qaamaa ulfaataan kan irra ga’e oggaa ta’u, dargaggoon kunis yeroo ammaa haalli fayyummaa isaa yaaddessaa ta’uu irraan kan ka’e mana yaalaatti lilmoo fudhachaa jiraachuun beekameera.
Akka odeessi moonaa sirnichaa keessaa ONM dhaqqabe ibsutti,wanti yaaliin ajjeechaa qaamuma isaaniin bulchaa kana irratti raawwatameef ifa ta’uu baatus, bulchaan godina Walloo fi itti aanaan isaa Obbo Abduu Jamaal Mahammad Saanii jedhamu gidduutti wal dhibdeen uumamee yeroo garaa-garaatti garee ijaarratanii bulchitoonni kun walitti dhaadachaa turuu eeruun, bulchaan godinaa kunis yeroo ammaa itti aanaa isaan “situ namoota natti bite” jedheenii walii isaaniif wal lolaa jiraachuun barameera.



