• Wed. Nov 25th, 2026

Naannoo Beenishaangul Gumuz Aanaa Toongootti ilmaan Oromoo sanyummaan qoodamuun hidhaa fi dararaan irratti jabaachuun himame 

Aug 3, 2025

ONM-ABO Hagayya 3, 2025 

Naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Toongootti namoonni maqaan isaanii:

  1. Obbo Duulaa Ibraahim, 
  2. Obbo Haaruun Mohaammad,
  3. Obbo Jibriil fi 

kanneen biroo hedduun garee faashistii Bilxiginnaa kanneen gara laafummaa fi namummaa sirriin itti hin dhaga’amneen kiyyeeffamanii mana hidhaa aanichaatti dararaa haalaan jabaan irratti raawwachaa akka jiru jiraattonni onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Impaayerattii keessatti ilaalchi sanyummaa addatti uummata Oromoo irratti jabaachuun bakkeewwan hojii  mootummaa, miti-mootummaa, dhaabbilee dhuunfaa fi kanneen biroo keessatti kanneen sabaan Oromoo ta’an hojii irraa ari’amuu, butamuun dhabamsiifamuu, ajjeefamuu fi doorsisni irratti raawwachaa jiru cimee iitti fufee kan jiru yoo ta’u, tibbana ammoo bifa addaan naannoo Beenishaangul Gumuzitti rakkoowwan

hedduun uummata Oromoo irra ga’aa akka jiru beekameera.

Addattuu kaffaltii gibiraa humnaan olii gaafatamuu, fedhii isaaniin ala butamuun mooraa waraanaa geeffamuu, bakkeewwan hojii isaaniitti doorsisni irratti raawwachaa jiru cimuu fi ajjeesanii dhoksaa akka jiranis kan himan jiraattonni, akka waliigalaatti Oromummaan yakka ta’uun uummatni ba’ee galuuttuu gatii kaffalaa akka jiru miira gaddaan guutameen dubbatu.

Leave a Reply