• Mon. Jan 12th, 2026

Lolaan cimaa fi sigiga lafaa Veetnaam keessatti mudateen namoonni 8 du’uun 3 ammoo achi buuteen isaanii dhabame

Aug 3, 2025

ONM-ABO Hagayya 3, 2025 

Lolaa fi sigiga lafaa kaaba Veetnaam bulchiinsa Diyen Biyen keessatti mudateen yoo xiqqaate namoonni saddeet kan du’an yoo ta’u, namoonni sadii ammoo achi buuteen isaanii dhabamuu Dhaabbanni Oduu  mootummaa Veetnaam Sanbata kaleessaa ibseera.

Roobni cimaan Kamisaa fi Jimaata gidduutti roobe kutaalee bulchiinsa kanaa hedduu keessatti lolaa hamaa kaaseera.

Gandoonni hedduun wal irraa citanii kan jiran yoo ta’u, maatiin dhibbaan lakkaa’aman hatattamaan bakka sanaa baafamaniiru.

Aangawoonni naannoo fi gareewwan baraarsaan namoota achi buuteen isaanii dhabaman barbaaduu fi hawaasa balaa kanaan miidhaman deggaraa jiru.

Jiraattonni madaa’an hedduunis gara hospitaalaatti geeffamaniiru.

Ganda Hang Pu Shii keessatti manneen 14 guutummaatti kan haxaa’aman yoo ta’u, gandoonni 30 ammoo sababa addaan cituu daandiitiin kan hin dhaqqabne ta’aniiru.

Itti aanaan muummicha ministeeraa Tiraan Hong Ha naannolee balaan kun mudate daawwachuun jiraattota kana eeguuf carraaqqiin hunda akka godhamu gaafataniiru jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading