• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Baalee Lixaa Aanaa Agaarfaatti maqaa kaffaltii miseensummaa jedhuun uummanni gidirfamaa jiraachuun beekame

Aug 4, 2025

ONM-ABO Hagayya 4, 2025 

Baalee Lixaa aanaa Agaarfaa ganda Shanakkaatti saamichi yeroodhaa yerootti uummata irratti humnoota waraanaa fi milishoota sirnichaan adeemsifamaa jiru egeree jiraattotaatti yaaddoo guddaa uumaa akka jiru jiraattonni onichaa kan dubbatan yoo ta’u, tibba kana ammoo kallattii jijjiiruun daballoonni Bilxiginnaa qe’ee uummataa keessa bobba’uun namni kamuu miseensa paartii Badhaadhinaa ta’uu qabu maqaa jedhuun gidirsaa akka jiran dubbatu.

Sodaachisni fi waan jedhe qofa ta’uu qabduun kunis Adoolessa 28, 2025 irraa eegalee hawaasa irratti raawwachaa kan jiru oggaa ta’u, namoonni umuriin isaanii 15 ol ta’an kamiyyuu buusii miseensummaaf qarshii 250 gaafatamaa jiru. Kanneen qarshii gaafataman kaffaluu hin dandeenye ammoo hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabduun hidhaa fi reebichi ulfaataan irra ga’aa akka jirus dabalataan ibsameera.

Bulchiinsa diimokiraasii keessatti uummatni fedhii isaatiin mootummaa isaaf ta’u filatee heeraa fi dambiiwwan bakka bu’oota uummataan tumachuun akka isaaf ta’utti kan bulu ta’us, impaayerri Itiyoopiyaa faallaa seerota barreeffamoo jiraniin ala, yaadaa fi qajeeltoowwan abbootiin irree akkaataa isaaniif ta’utti gadi buufataniin uummanni dhiitamee boquu isaa cabsuun jala bula.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading