• Tue. Jan 13th, 2026

Yoo xiqqaate godaantotni 27 dooniin galaana Yaman irratti caccabdeen du’ui maddoonni nageenyaa yoo himan, kanneen keessatti ilmaan Oromoo argamuun ibsame

Aug 4, 2025

ONM-ABO Hagayya 4, 2025 Doonii Galaana Yaman irraa caccabuun yoo xiqqaate godaantotni 27 kan du’an yoo ta’u, 100 ol ammoo ammallee achi buuteen isaanii dhabamuu maddeen nageenyaa lama bulchiinsa Abyaan kibbaa irraa  kaleessa AFPtti himaniiru.

“Sadarkaa kanatti du’uun namoota 27 mirkanaa’eera, reeffi isaanii deebi’eera,” jechuun maddi nageenyaa tokko kan hime yoo ta’u, “barbaachi warra dhabamanii itti fufee jira” jedheera.

 Maddi lammaffaan akka jedhetti “doonii dhidhimte kana keessa namoonni 150 turuu fi 27 du’uu isaanii gabaaseera.

Godaantotni Itoophiyaa Oromoon kanneen seeraan ala dachee Yaman seenuuf osoo yaalanii qarqara galaanaa Abyaanitti bishaaniin liqimfaman.”

Itti dabaluudhaanis, ”Qarqara galaanaa adda addaa irratti reeffi hedduun argameera, kunis namoonni miidhaman hedduun ammallee galaana keessatti akka dhabaman agarsiisa,” jedheera.

Waraanni bara 2014 irraa eegalee Yaman balleessee jiraatus, godaansi seeraan alaa karaa biyya hiyyeettii kanaa itti fufee jira, keessumattuu Itoophiyaa irraa. Itoophiyaan  mataan ishee walitti bu’iinsa sabaa fi sablammootaatiin jeeqamtee jirti.

Akka Dhaabbanni Godaantota Idil-addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jedhutti, godaantonni kuma kurnaniin lakkaa’aman Yaman keessatti ukkaamfamanii imala isaanii keessatti miidhaan irra ga’aa jira jechuun AFP’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading