ONM-ABO Hagayya 5, 2025
Hagayya 3, 2025 godina Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Sireetti loltoonni impaayerattii dargaggoo maqaan isaa Eebbisaa Tamasgeen jedhamu irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwachuun dargaggoota lama ammoo hanga gabaasni kun qindaa’etti achi buutee isaanii dhabamsiisuu jiraataan naannoo sanaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeree jira.
Akka eeruun nu qaqqabe addeessutti dargaggoonni kunneen badii balleessan qabaataniif osoo hin taane sababa Oromummaa isaaniin yakkamuun kan qabaman ta’uu fi dargaggoon ajjeefame kun siyaasa kam keessa kan hin jirree fi hawaasa naannoo isaa biratti jaallatamummaa kan qabu akkasumas, hiriyyoonni isaa waliin qabaman illee du’aa fi jireeni isaanii kan hin beekamne ta’uu jiraattotni yaaddoo qaban eeranii jiru.
Erga murni Bilxiginnaa aangootti ol ba’ee as waggoottan ja’aa oliif sarbamiinsi mirgoota namoomaa daran jabaachuu fi humni baratee biyya jijjiiru Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa keessaa mana hidhaatti darbatamaa fi ajjeefamaa akkasumas biyya isaa irraa ari’amuun jireenya baqaaf saaxilamaa jiraachuun beekamaadha.

