• Wed. Nov 25th, 2026

Murni Bilxiginnaa Arsii Lixaa keessatti daldaalaa of fakkeessuun jiraattota saamaa jiraachuun beekame 

Aug 5, 2025

ONM-ABO Hagayya 5, 2025 

Murni bu’aa warraaqsa uummata Oromoo butuun gara aangootti ol ba’e PP’n jiraattota godina Arsii Lixaa magaalaa Shaashamannee fi naannoo isheetti argaman irraa karaa kaadiree Bilxiginnaa maqaan isaa Adam Hajii Dangee jedhamuun maallaqa guddaa saamaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Namichi kun daldaalaa of fakkeessuun biyya alaa bakka feetanittin isin erga jechuun yeroo garaa garaatti bilbilee akka namootni maallaqa gara baankii daldala Itiyoopiyaatti galchan taasisuudhaan, ega fudhatee booda “ani isin hin beeku” jechuuniin, namoonni hedduu irraa maallaqa fudhachaa jiraachuu jiraattotni ibsanii jiru.

Namoota haala kanaan maallaqni irraa fudhatame keessaa kanneen maqaa isaanii arganne:

  1. Obbo Awwal Eebba’oo qarshii kuma dhibba shanii fi isaa ol,
  2. Obbo Gammadaa Wayyoo Saaddoo qarshii kuma dhibba afurii fi isaa ol,   
  3. Obbo Galaanaa qarshii kuma dhibba ja’aa fi 

isaa ol irraa fudhachuu jiraattotni dabaluun ibsuun, saamicha kanaan namootni miidhamaa jiru jedhan.

Gareen PP namoota yakka hojjetan bobbaasuun bakka cufattuu uummata saamaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply