• Sun. Nov 22nd, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuu keessatti hidhatoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhanii dararaa jirachuun dhaga’ame

Aug 5, 2025

ONM-ABO Hagayya 5, 2025 

Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu ganda Uchee keessatti shiftoonni koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman milishoota gandichaa waliin ta’uun hawaasa nagaa fi ol adeemtota irratti xiyyeeffachuun mana hidhaati guuraa jiraachuu fi doorsisa garaa garaa geggeessaa akka jiran jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Aanaadhuma kana ganda Uchee  keessatti Hagayya 2, 2025 nama maqaan isaa Bachee Malkaamuu jedhamu waa bitachuuf oggaa inni dukkaana deemu, hidhattoonni Bilxiginnaaa kunneen WBO’f waa bituu dhufte jechuun qabanii mana hidhaa gandichaa geessuun dararaa fi reebicha hamaa irratti raawwachuun yeroo ammaa kana du’aa fi jireenya gidduu akka jiru jirattooni dabaluun dubbatu.

Sirni impaayerattii Oromoof gara laafina hin qabne kun har’as eenyummaa sabichaa baleessuuf golee Oromiyaa cufatti hidhattoota isaa bobbaasuun duguuggaa sanyii  fi mancaatii dinagdee geggeessaa akka jiru ni beekama.

Leave a Reply