• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Dhidheessaatti saamichi jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe 

Aug 6, 2025

ONM-ABO Hagayya 6, 2025 

Lukkeeleen Bilxiginnaa giiphiin isaanii hoggaa duwwaa ta’u maqaa adda addaa da’oo godhachuun saamicha ulfaataa jiraattota irratti kan geggeessan yoo ta’u, aanaa Dhidheessaa ganda Burqaa Jaalalaatti torban darbe irraa eegaluun maqaa “eebba hidha Laga Abbayyaa” jedhuun qarshii kuma tokko tokko afaan qawween doorsisanii irraa guuraa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Aanicha hunda irraa lukkeeleen kunneen maqaadhuma kanaan saamaa jiraachuu fi maqaa gosa kaffaltii adda addaa uummatatti dhahuun irraa guuraa kan jiran yoo ta’u, namoota qarshii jedhame kaffaluu didan reebichaa fi hidhaan tarkaanfii irratti fudhataa waan jiraniif uummatni sodaatee humnaan kaffalaa jiraachuun bira ga’amee jira.

Hidhaa haaromsa laga Abbayyaa osoo Abiy Ahimed aangootti hin dhufin waggaa 7 keessatti dhibbentaan 65 xumurame, erga aangootti dhufe dhibbentaa 35 waggaa 7’tti fixuu dadhabuun gumaacha hawaasaa bara jalqaba aangootti dhufe tuffate itti deebi’ee ija miidiyaan alatti irraa guuraa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply