ONM-ABO Hagayya 6, 2025
Aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo fi naannoo isheetti torban darbe irraa eegaluun lukkeeleen Bilxiginnaa “waraqaa eenyummaa dijitaalawaa baafadhaa” jechuun doorsisa adda addaa irratti raawwachaa turuu fi Hagayya 2, 2025 immoo, namoota gabaa irraa galan ukkaamsuun ashaaraa quba isaanii fuudhanii “namni ashaaraan isaa fuudhame nu biratti beekamtii qaba, kan hin kaane akka diinaatti ilaalla” jechuun hawaasa burjaajessaa turuu jiraattotni naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasanii jiru.
Aanaadhuma kana araddaa Daadaa Furdaa jedhamu keessatti immoo, lukkeeleen Bilxiginnaa dubartii sammuun darbe tokko arguun “sobdanii WBO galchitanii nyaachisaa jirtu” jechuun Hagayya 3, 2025 qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Amiin Sheekaa,
- Shamsii Hasiyyoo,
- Kadijjaa Yuuyyaa,
- Jamaal Kabiir Mahaammad,
- Naasir Ahimad Usmaan,
- Abdullaxiif Goobee fi
kanneen biroo hedduu ta’an hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni araddichaa eeranii jiru.
Namoonni kunneen tuttuqaa siyaasaa kam keessaa bilisa kan ta’anii fi hojii dhuunfaa isaanii irraa kan qabaman yommuu ta’u, lukkeeleen Bilxiginnaa kunneen sababa sobaa itti maxxansuun erga hidhaatti darbatanii boodas, qarshii irraa nyaatanii gadi dhiisuu fi reebicha ulfaataa irraan ga’anii turuun dabalataan ibsameera.




