ONM-ABO Hagayya 7, 2025
Shaggar Sitii kutaa magaalaa Furii (Muudaa Furii) ganda Burqaa Waayyuu bakka jedhamutti Hagayya 4, 2025 sababa mormii saamicha lafaa Bilxiginnaan geggeefamaa jiru dura uummanni dhaabbatee mormeef jecha haaloo ba’iinsa gara jabeeyyii loltoota Bilxiginnaan lubbuun nama tokkoo darbuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Ajjeechaan kunis Indaalaa Booranee nama jedhamu irratti kan raawwate oggaa ta’u, humnoonni milishaa Bilxiginnaa ajaja humnoota waraanaa fi kaadiroota sirnichaa gandichaa irraa fudhachuun guyyuma sana halkan keessaa sa’a 7:00 gubbaatti manaa gadi baasuun ajjeesuun ibsameera.
Sababni ajjeechaa ilma Oromoo kanas qajeelfama keenya mormite, namoota nu irratti kakaastee, hidhata WBO qabdaa fi kkf itti maxxansuun, waanuma namootni hojii dabaa Bilxiginnaa dura dhaabbataniif dargaggoo kana ajjeesuun barameera.
Kana malees abbootiin lafaa, kanneen naannicha yeroo dheeraaf jiraachaa turan qabeenya keenya dabarsinee hin laannu, daa’imman keenyatu irra jiraata jechuun mormii agarsiisan hedduun hidhamuu fi doorsifamaa akka jiran beekameera.
Oromiyaan yeroo ammaa Bilxiginnaa jalatti ilmaan isheetti ibidda ta’uun ilmaan ishee yoo callisanis yoo dubbatanis badii tokko malee rasaasa warra maqaa Oromoon yeroo dheeraa aangoo irra turuu barbaadaniin ajjeefamaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa garaagaraa irratti raawwachaa jira.







