• Fri. Nov 20th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti namoonni nagaan hidhamuun maallaqa gaafatamaa jiraachuun dhaga’ame 

Aug 7, 2025

ONM-ABO Hagayya 7, 2025 

Aanaa Gidaamii ganda Gaara Kormaa keessaa Hagayya 4, 2025 lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa sakattaa WBO’n bobbaafaman uummata nagaa qe’ee isaa keessa jiraatu bakkeewwan hojii isaanii irraa yakka tokko malee qabuun gidirsaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Namootni kunis hojii isaanii malee WBO waliin hidhata qabdu jechuun hojii dhuunfaa isaanii irraa qabamuun barameera.

Hidhamtoonni kunneenis yeroo ammaa aanichumaa magaalaa 2ffaa bulchiinsa magaalaa Qellemitti hidhamanii kan jiran yoo ta’u, kanneen maqaan isaanii nu qaqqabe muraasni:

  1. Dabalaa Ittaanaa,
  2. Tasfaa Kibabuu,
  3. Kaaliil Musxafaa, 
  4. Saadam Musxafaa, 
  5. Henook Dabalaa,
  6. Dammaqaa Ayyaanaa, 
  7. B/sa Bashir Kumarraa fi 

kanneen biroo ta’uun beekameera.

Namoonni manneen hidhaa PP’tti argaman kunneenis hidhaa irraa baafamuuf qarshii 20,000 hanga 50,000’tti gaafatamaa akka jiranis addeeffameera.

Gochi farrummaa kan dhaloota abdii kutachiisuu fi dabni seenaa fi seeraan gaafachiisu keessatti kan raawwatamu impaayerri Itiyoopiyaa, Oromummaa cabsuuf maqaa ilaalcha siyaasaa namootni keessaa hin qabneen yakkuun hidhuu, saamuu, ajjeesuu fi dhabamsiisuun gadaa aangoo isaa dheerefachuuf hojjechaa akka oolu ragaaleen ni mul’isu.

Leave a Reply