ONM-ABO Hagayya 8, 2025
Adoolessa 5, 2025 aanaa Gunaa ganda Jaawwii iddoo addaa Zoonii Daannisaa jedhamu keessatti loltootni PP hawaasa jumlaan reebanii namoota hedduu irraan miidhaa qaamaa ga’uun, kaan ammoo ukkaamsanii mana hidhaatti hiraarsaa jiraachuu jiraattonni ifoomsaniiru.
Namoota loltoota PP’n reebamanii mana yaalaas dhoowwamuun rakkataa jiran keessaa muraasni maqaa nu gahe:
- Ahimad Galatoo,
- Sheek Abdurramaan Haaji Kadiir maanguddoo umrii saddeettamaa,
- Fu’aad Amiin barataa kutaa 7 kan ta’e uleedhaan mataa rukutuun mataan isaa iddoo lamaan dho’ee kan jiru ta’uu fi
namootni kunneen miidhaan qaamaa jabaan irra ga’uun, mana yaalaa akka hin geeffamne illee dhorkamanii jiraachuun eerameera.
Gandichuma keessaa namoota hedduu erga reebaa turanii booda mana hidhaatti darbachuun maatiinis dhaqee akka hin ilaalle dhorkanii dararaa jiru.
Namoota hidhamanii dararamaa jiran keessaa kanneen maqaa nu qaqqabe:
- Faaxumaa Aliyyii,
- Badiriyaa Jabduu,
- Amiin Safii,
- Tamiimaa Qaasim,
- Na’imaa Amaanu’aa,
- Wonduu Amaan,
- Muusaa Qaasim,
- Seenaa Amaan fi
- Sadiiq Amaan kanneen jedhaman yoo ta’an,
namoota akka:
- Amaanee Abdallaa,
- Kadir Qaasim fi
- Kadir Abdoo
jedhaman jalaa immoo uffata, kophee, midhaan fi maallaqa akkasumas meeshaalee garaa garaa hedduu saamanii deemuu jiraattonni dabalataan ibsaniiru.
Sababa Waraanni Bilisummaa Oromoo ganda kana keessaa caasaalee sirnichaa guutuutti dhabamsiisaa jiruuf jecha isintu bakka kana fide, maaliif halkan baatanii ganda keessan hin eegganne? jechuun badii malee yakkanii uummata guutuu dararaa jiraachuu jiraattotni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasaniiru.

