• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Haaruu keessatti hidhaa fi dararaan ergamtoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti jabaachuun himame

Aug 8, 2025

ONM-ABO Hagayya 8, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaa Haaruu ganda Aallebantaa jedhamu irraa Adoolessa 23, 2025 waraanni koloneel Abiy Ahimed obboleeyyan ilmaan abbaa tokkoo kan ta’an:

  1. Uumaa Tafarraa fi 
  2. Uummataa Tafarraa 

kanneen jedhaman badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees guyyaadhuma kana aanichuma ganda Duchii keessaa ammoo barsiisaa maqaan isaa Nabiyyuu Shuumii jedhamus hidhanii jiraachuun beekameera.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa garuu maqaa “WBO deggertu” jedhuun kan hidhan ta’uu dubbatu.

Leave a Reply