ONM-ABO Hagayya 8, 2025
Godina Walloo magaalaa godinichaa kan taate Kamiseetti caasaaleen Bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadiitti jiran waltajjii torban tokkoo oliif geggeessaa turaniin”TPLF gama Kaabaatiin nu weeraruuf qophiitti jirti” isheen lola eeggallaan jalqaba nuyi cabsiti waan ta’eef,weerara kana ofirraa qolachuufis xiqqaa fi guddaan, dhiiraa fi dhalaa osoo hin jenne leenjii barbaachisu waliif laannee of qopheessuu qabna jechuun umrii aangoo isaanii dheereffachuuf hawaasa nagaa dirqiin leenjisuu fi ibiddatti oofuuf karoorafachuun ifoome.
Akka hirmaataan waltajjii sanaa maqaan isaa rakkoo nageenyaaf jecha dha’amuu hin feene tokko ONM’tti himetti, waltajjiin magaalichatti torbanii oliif geggeeffamaa ture muddama yeroo ammaa PP’n keessa jirtu, kanneen akka kufaatii gama maraa kana irraa akkamiin of baraarra? TPLF nu loluun ishee waan hin oolleedha, nuti ammoo akka godina kanaatti qophii akkamii qabna? uummata kanas dursinee akkamiin gara lolaatti of dura oofuu qabna kan jedhu irratti mari’achaa turuu dubbata.
Marii kanaanis hawaasicha qoraan ibiddaaf qophaa’e gochuu fi ibiddaatti oofuun wareegama hin taane kaffalchiisuuf jecha labsii baasaniin magaalaa Kamiseetti jiraattotni akka hulaa banataniin dhiiraa fi dhalaan, xiqqaa fi guddaan leenjii loltummaa fudhachuun qophaa’uu qabu,namoonni kana didan yoo jiraatan tarkaanfiin barbaachisu irratti ni fudhatama, namni kamuu Bilxiginnaa tiksuuf mirga qofaa miti dirqama qaba jedhanii hawaasa magaalichaa guutummaatti leenjisuuf karoorfatanii jiraachuu hirmaataan kun dabaluun eereera.
Yeroo dhiyoos maqaa humnootni kaabaa mootummaa Oromoo weeraruufi jedhuun ilmaan Oromoo humnaan qabanii mooraa seensisuun lolaaf qopheessaa jiraachuun ni beekama.


