• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Mattuu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa konkolaachistoota irratti saamicha raawwachaa jiraachuun himame

Aug 8, 2025

ONM-ABO Hagayya 8, 2025 

Iluu Abbaa Booraa aanaa Mattuu ganda Madee keessatti torban lamaan darbe keessa jaleewwan Bilxiginnaa konkolaachistoota konkolaataa fe’umsaa kanneen dhagaa fe’an waltajjii baasuun akka isaan waliin ta’anii qorqorroo baallee 20 bitanii dhiheessaniif dirqama itti kennanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees armaan dura daandiiwwan ciccitaa gandicha keessatti argaman konkolaachistoota kanneen kaffaltii tokko malee suphisiisaa kan turan ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Ergamtoonni Bilxiginnaa kanneen jireenya dhuunfaa isaanii qofa geggeeffachuuf halkaniif guyyaa dhama’an kufaatii dinagdee impaayerattii mudate sababeeffachuun irra deddeebiin saamicha ulfaataa ta’een dinagdee ilmaan Oromoo quucarsaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Leave a Reply