ONM-ABO Hagayya 8, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Tobbii Daalle Maacoo keessaa Adoolessa 26, 2025 sirna dhableeyyiin waraana PP maqaa “abbaa warraa keetu hidhata WBO qaba” jedhuun dubartii maqaan ishee Aadde Ruumiyyaa Abdulqaadir jedhamtu mana jireenyaa ishee keessaa daa’imman ishee 2 waliin ari’uun yeroo ammaa kana bakka buuteen isaanii dhabamee kan jiru ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Daa’imman ishee kunneen maqaan isaanii:
- Dinagdee Saadiq daa’ima umrii 7 fi
- Dammaqsaa Saadiq daa’ima umrii 3 ta’uun barameera.
Kana malees abbaan warraa ishee Obbo Saadiq Suleemaan baatii tokkoo oliif hidhamee dararamaa kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa kanas maatiin isaa adda waan faca’aniif jecha ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen mana jireenyaa isaa irraa qorqorroo baallee 80 diiggachuun qabeenya manicha keessa jiru waliin konkolaataa fe’umsaatti fe’achuun gara mooraa waraanaatti geeffatanii jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Naasuu fi gara laafina tokkollee dhala namaaf kan hin qabne gara jabeeyyiin ergamtoota sirna nama nyaataa PP, goleewwan Oromiyaa cufatti bobba’uun meesha maleeyyii ilmaan Oromoo irratti yakkoota garaa garaa raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

