ONM-ABO Hagayya 8, 2025
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi gita isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin jalqaba torbee dhufuu waltajjiif wal arguu akka danda’an Kireemlin Kamisa kaleessaa ibsitee.
Walgahiin kun erga Joo Baayiden ji’a Waxabajjii 2021 Jeeneevaatti Puutiin waliin wal arganii booda pirezidaantii Ameerikaa fi Raashiyaa gidduutti kan jalqabaa ta’a. Wal argaan kunis yeroo Tiraamp haleellaa waraanaa Raashiyaan Yukireen irratti raawwattu akka dhaabbatu gidduu galeessa ta’ee hojjechuuf barbaadutti ta’a.
“Yaada gama Ameerikaatiin guyyoota itti aanan keessatti walgahii biyyoota lamaanii gaggeessuuf waliigaltee qajeelfamaan irra ga’ameera,” jechuun gargaaraan Kireemlin Yuri Ushakov dubbachuu dhaabbileen oduu mootummaa Raashiyaa ibsaniiru.
“Amma michoota keenya Ameerikaa waliin ta’uun bal’inaan hojjechuu jalqabneerra,” jechuun Ushaakov dabalaniiru. “Torban dhufu akka guyyaa galma ta’etti murtaa’eera.”
Ushaakov akkasumas bakki walgahiin kun itti gaggeeffamu “seera bu’uuraa irratti waliigalameera” jechuun eessatti akka gaggeeffamu garuu bal’inaan hin ibsine.
Beeksisni kun kan bahe erga ergamaan Ameerikaa Isteev Wiitkoof Puutiin waliin Moskootti wal arganii guyyaa tokko booda.
Witkoof prezidaantii Yukireen Voldaameer Zelenskii waliin walgahii biyyoota sadii akka taasifamu yaada dhiheessus, garuu Raashiyaan yaada sanaaf deebii hin kennine jedhan Ushaakov.
Oduu booda irra Raashiyaa irraa argameen Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Pirezidaantii Yunaayitid Isteets Doonaald Tiraamp waliin walgahii gaggeessuuf bakkeewwan mijatoo ta’an keessaa tokko Yuunaayitid Arab Imireets ta’uu ibsuu isaa AFP fi Rooyiters gabaasaniiru.

