ONM-ABO Hagayya 11, 2025
Bilxiginnaan Waraana isaa shiftummaa leenjisee uummata nagaatti bobbaasuun yakkoota namoomaa safuu fi amantii uummataa cabsu raawwachuun tuffii uummata Oromootiif qaban ifatti mul’isaa jiru.
Bifuma kanaan godina Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Darroo Willincoo keessatti waraanni faashistii PP kaleessa Hagayya 10, 2025 mana amantaa seenuun Waaqeffattoota amantichaa irratti reebicha ulfaataa geessisuun midhaa qaamaaf saaxilanii jiraachuun beekame.
Namoonni waraana faashistii PP kanneenin reebichi irratti rawwatames maqaan isaanii:
- Obbo Dhaqqabaa Lataa,
- Obbo Magarsaa Amansiisaa
- Obbo Dumessaa Hurrisaa fi
- Obbo Suyyumee Nadhii
kanneen jedhaman yoo ta’an, namoonni kunneen yakka ykn hirmannaa siyaasa dhaaba kamiyyuu qabaataniif osoo hin taane badii tokko malee galgala sa’atii 1:00’tti mana Amantaa itti cabsuun reebuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Aanaa Kuyyuu gandoota cufa keessatti waraana faashistii PP’n dhiittaan mirga namoomaa akka malee hammaachuun jiraattotni qe’ee fi qabeenya isaanii irratti roorroo fi gidiraa hamtuuf saaxilamanii jiraachuu jiraattotni haala keessa jiran Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.























