• Fri. Nov 20th, 2026

Lixaa Harargee Aanaa Daaroo Labuu keessatti hidhaa fi saamichi uummata nagaa irratti taasifamu hammaachuun dhaga’ame

Aug 11, 2025

ONM-ABO Hagayya 11, 2025 

Baha Oromiyaa godina Lixa Harargee aanaa Daaroo Labuu magaalaa Machaaraa Miiccataa jedhamu keessatti ergamtoonni murna Bilxiginnaa maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun uummata nagaa irratti hidhaa fi saamicha hammeessuu jiraattotni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Gareen yeroo ammaa kana rakkoon siyaasaa fi dinagdee hudhee morma qabuun raafama hammaataa keessatti kufee argamu Bilxiginnaan, hawaasa nagaan jiraatu maqaa siyaasaa garaa garaa itti moggaasuun afaan qawweetiin nagaa uummataa booressee namoota nagaa ukkaamsuun hidhuu fi bakkoota garaa garaatti ajjeesuu itti fufee jira.

Haaluma kanaan aanaa Daaroo Labuu magaalaa Machaaraa Miiccataa keessatti namoota hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’anii argaman kanneen daldaltoota magaalichaa ta’an deggertoota WBO’ti ittiin jechuun hidhaatti guuranii dararaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa dabaluun addeessanii jiru. 

Magaalicha keessatti maqaa deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhu dawoo godhachuun abbootii qabeenyaa magaalichaa arrabsuu fi doorsisanii maallaqa kaffalchiisaa akkasumas, WBO’yyuu ni nyaachiftu jechuun qabeenya isaanii akka barbaadanitti jalaa saamuu irratti bobba’anii argamuutu mul’ata.

Akka jiraattonni jedhanitti, hidhattoonni kunneen humna waraanaa fi afaan qawweetti dhimma bahuun magaalicha dabalatee aanaalee godinichaa mara keessatti siyaasa uummatni harka keessaa hin qabne itti moggaasuun hawaasa nagaa hidhuu fi saamaa jiraachuu dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsaniiru.

Leave a Reply