• Thu. Nov 26th, 2026

Arsii Bahaa Aanaa Xiyyoo keessatti caasaaleen Bilxiginnaa ofii isaaniitiin wal shakkuun mana hidhaatti wal guuraa jiraachuun barame

Aug 11, 2025

ONM-ABO Hagayya 11, 2025 

Sirni afaan qawween ijaaramee karaa dabaa irratti wal bobbaasuun uummata nagaa dhorkee hiraarsaa jiru Bilxiginnaan, sababa Waraanni Bilisummaa Oromoo aanicha keessa socho’aa jiruuf jecha wal shakkuun Hagayya 8, 2025 aanaa Xiyyoo ganda Aboo’sara  Alkoo iddoo addaa Booggii jedhamu keessaa caasaalee ofii isaanii ijaarachuun hawaasa hiraarsisaa turan mana hidhaatti guuranii jiraachuu maddeen keessoo Bilxiginnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru. 

Caasaaleen Bilxiginnaa haala kanaan mana hidhaa keessa jiran:

Milishoota gandaa:

  1. Ibiraahim Haaji Daddafoo,
  2. Xaahir Raagoo, 
  3. Guddatoo Gajuree, 
  4. Jamaal Mahaammad fi 
  5. Jamaal Eshuu ta’uun eerameera.

Yoroodhuma sana keessa abbaa Gadaa maqaan isaa Obbo Abbittii Bariisoo Dhiboo jedhamuun “osoo ati maal hojjettuu Waraanni Bilisummaa Oromoo aanaa fi ganda kana keessa socho’a” jechuun qabanii reebicha irratti raawwachuun mana hidhaatti darbatanii jiraachuus maddeen dabalataan ibsaniiru.

Aanaadhuma kana keessatti namoota ganda baadiyaa irraa gara magaalaa Goljaatti dhufan karaa irra dhaabbachuun of booda deebisuun, maallaqa irraa fudhachaa kan turanii fi ilaalcha addaa qabdu jechuun hawaasa reebaas akka turan maddeen kun ifoomsanii jiru. 

Leave a Reply