ONM-ABO Hagayya 11, 2025
Dhaabbanni kennaa tajaajila quunnamtii Safaricom tajaajila quunnamtii barbaachisaa kennuuf hojjechaa jiru qulqullinaan kennaa akka hin jirre maamiltootni ibsan.
Dhaabbatichi tajaajila gosa adda addaa quunnamtii sagalee fi interneetii hanga kuufama guyyaa, torbee fi baatii liqii fi kaffaltii qilleensaan kan kennaa jiru ta’us, kenniinsi isaa walakkaa ol kan ta’u qabeenya maamiltootaa irraa tolatti nyaachaa akka jiru ibsaniiru.
Akka fayyadamaan tajaajila Safaricom kennu tokko ibsetti kuufamni sagalee fi interneetii maqaaf guyyaa fi baatii jedhama malee sa’atii muraasa guyyaa keessaa akkasumas kan baatii keessaa ammoo torban 2 hanga guyyoota 20 gidduutti sirnaan yoo hojjetu yeroo hafan irratti garuu haalli isaa xiqqaataa fi yeroon waan barbaadan argachuun hin jiru jedha.
Maamilli biraan magaalaa Finfinnee irraa akka maqaan isaan hin dhaa’amne gaafachuun yaada isaa nuuf qoode tokkos akka jedhetti keessumaa interneetii irratti kuufama baatii binnee torbee lama booda humni isaa waan ariitiin waa yaabsisuu fi buusuu irratti xiqqaatuuf ykn tasuma nama rakkisuuf irra deebinee siimii biraa irratti kaardii guunnee fayyadamna jedha. Dhaabbatichi yeroo osoo kuufama qabnuu haaraa binnu ariitii sirriin waa fe’a waas buusa; maallaqa irratti xiyyeeffatee maqaa kuufama jedhuun hojjeta jedhe.
Itti dabaluunis kun kan namni hin beekne saamicha jabaa irratti bobba’anii jiru jechuun ibse.
Gama kaardii Safaricom’nis yoo ibsan kaardii tarreetti afuris ta’e kudhan yoo bitamu achi keessaa 2 hanga 4 lakkoofsi isaa guutameera jechuun kasaaraa nama galchaa jira jedhu.
Adeemsi tajaajila akkasii keessatti hatuu Ethio Telecom keessa jiraatus dhaabbata dhuunfaa akka safaricom keessatti sirrii akka hin taane kan himan maamiltootni, dhaabbatichi ariitii interneetii ittiin kennaa jiru kana eeggatee saamicha gama kuufama sobaan geggeessaa jiran dhaabu qaba jechuun komee isaanii Arraata BIyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Safaricom Itoophiyaan gabaa telekoomii Itoophiyaa bilisa taasisuu kaayyeffatee Adoolessa 9, 2021 hayyama argachuun rakkoo hawaasdinagdee fi siyaasa impaaayerattii keessatti hojjechuun yeroo ammaa maamiltoota hedduu horachaa jiraatus komeen maamiltootni gatii baasaa jiran waliin waan wal madaalu tajaajila argachaa argachaa akka hin jirree fi lakkoofsi GB akkasumas guyyaa kennamu soba jedhuun dhiyeessu.

