ONM-ABO Hagayya 17, 2025
Hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi mana irratti gubuun godaansisuu akka furmaata siyaasaatti fudhachuun uummata gidirsaa kan oolu murni Bilxigginnaa, Hagayya 13, 2025 goleessitoota waraana isaa aanaa Boosat ganda Siifaa Batteetti bobbaasuun akka uummanni lafa isaa hin qotanneef ooyiruu isaa keessaa guuranii hidhaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoota hidhaman kanneen keessaa kan maqaan isaanii nu qaqqabe:
- Obbo Raggaasaa Baatii, ilma isaa maqaan isaa
- Shaambal Raggaasaa jedhamu fi
kanneen biroo danuun hidhamanii dararamaa akka jiran maddeen keenya addeessaniiru.
Jiraattotni gandoota hedduu aanaa Boosat keessatti argaman sababa adda addaan waraana murna garboomfata PP’n manni isaanii irratti gubatee qabeenya qaban irraa godaansifamuun aduu fi qorraan waadamanii dararaa ulfaataan irratti gaggeefamaa akka jiru maddeen keenya dabaluun ifoomsaniiru.

