ONM-ABO Hagayya 17, 2025
Hagayya 14, 2025 godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee ganda Qobboo iddoo addaa Funyaan Cirrii jedhamutti murni teessuma aangoo ofii tikfachuu malee dantaa uummataa hin qabne Bilxiginnaan seeradhableeyyii waraana isaanii uummatatti bobbaasuun manneen hawaasaa jumlaan gubanii barbadeessuun buufata waraanaatti godaansisanii jiraachuu jiraattoonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Jiraattota dirqamaan iddoo jireenyaa isaanii irraa buqqaafamuun rakkachaa jiran keessaa kanneen maqaa arganne:
- Roobaa Maammadoo Abdoo,
- Amadoo Huseen Roobaa fi
namoota maqaan nu hin ga’in yoo ta’an, Hagayya 13, 2025 immoo nama maqaan isaa Obbo Boggii Dilbii jedhamu ganda Baddanoota irraa qabanii hidhuu maddeen ifoomsaniiru.
Aanaa Fantaallee keessatti kaadirootni Bilxiginnaa uummata nagaa waan isaan hin beekneen yakkuun namoota hedduu hidhuu, mana irratti gubuu, loon isaanii saamuu fi dararaa gurguddaa irratti gaggeessuun jiraattotatti jireenya hadheessaa jiraachuu maddeen dabaluun gabaasaniiru.



