• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Walloo Aanaa Baateetti caasaaleen Bilxiginnaa hawaasaan uummata Affaaritti araaramtan jechuun namoota nagaa hidhaatti darbachuun barame

Aug 17, 2025

ONM-ABO Hagayya 17, 2025 

Godina Walloo aanaa Baateetti shira lukkeeleen Bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadiitti jiran hawaasa aanichaa irratti xaxaa turaniin shiftoonni Affaar yeroo irraa gara yerootti hawaasa aanichaa irratti ajjeechaa suukanneessaa, madoo fi saamicha qabeenyaa raawwachaa kan turaniiru.

Sababa kanaanis uummanni Affaarii fi hawaasni Oromoo aanichaa kan isaan wal ajjeesisaa jiru shira murna PP ta’uu gaafa baran waldhibdee isaan jidduu jiru ilaa fi ilaameen furatanii wayita nagaan wal keessa bobba’anii galuu jalqaban, caasaaleen faashistii Abiyi Ahimed ammoo “quba qabeenya keenya malee uummata Affaariin walitti araaramtanii maaf wal keessa sochootu” jechuun jaarsolii biyyaa waldhibdee kana furan reebanii hidhaatti darbatanii jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa jiraattota onichaa irraa odeeffateera.

Jaarsoliin biyyaa maqaa uummata Affaaritti araaramtan jedhamuun ergamtoota murna Bilxiginnaan hidhaatti darbataman kunneenis muraasni maqaa arganne ganda Dhagaachoo irraa:

  1. Huusan Abduu Mohaammad,
  2. Ahimed Sayid ganda Araddoo irraa fi 

ganda Niinnii irraa ammoo:

  1. Abduu Indiris Abduu ta’uun eerameera.

Koloneel Abiyi Ahimed erga gara aangoo bulchiinsa impaayera Itoophiyaatti dhufee Oromoo fi Oromummaa balleessuuf duula duguuggaa sanyii saba Oromoo irratti labsee sabicha lafarraa duguugaa osoo jiruu, kun isa hanqannaan uummattoota oollaa illee irratti kakaasuun hawaasa Oromoo akka ajjeesan taasisee ofii ammoo bu’aa siyaasaa isaa irraa argachuuf hojjechaa  jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading