ONM-ABO Hagayya 17, 2025
Kamisa darbe Hagayya 14, 2025 waraanni Bilxiginnaa maqaa sakattaa WBO’n Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Birmajjii irraa gara ganda Didibbee jedhamutti bobbaafaman qonnaan bulaa tokko irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwachuun dhaga’ameera.
Qonnaan bulaan kunis maqaan isaa Obbo Ayyaanaa Yaadasaa kan jedhamu yoo ta’u, abbaa daa’ima afurii akka ta’ee fi maqaa hariiroo waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun ganama sa’a 12:00’tti mana isaa deemuun qabanii turtii sa’a tokkoof dararaa irratti geggeessaa turuun magaalaa Didibbeetti ajjeesanii deemuu jiraattonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees akka aanichaatti namoonni danuun waraana sirnichaan ukkaamfamuun yakka tokko malee yeroo dheeraaf waajjira poolisii aanichaatti hidhamuun gidirfamaa akka jiran itti dabaluun addeessaniiru.

