• Sat. Mar 14th, 2026

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii UN bara darbe hojjettoonni gargaarsaa 383 kan ajjeefamuu fi lakkoofsi kun walakkaan Gaazaatti akka ta’e ibse

Aug 20, 2025

ONM-ABO Hagayya 20, 2025 

Hogganaan gargaarsa namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Toom Fleechar bara darbe addunyaa guutuutti hojjettoota gargaarsaa 383, walakkaan isaanii Gaazaatti ajjeefaman ilaalchisee istaatiksii yeroo qooddatan, “gocha fi dhimmamuu dhabuu idil-addunyaatiin himannaa qaanii” baase.

Guyyaa gargaarsa namoomaa addunyaa Kibxata kaleessa kabajuudhaan, Fletcher akka jedhanitti, ajjeechaan kun waggaa duraa irraa dhibbeentaa 31n dabaluu isaa, “waldhabdee boqonnaa hin qabne Gaazaa keessatiin hojjettoonni gargaarsa namoomaa 181 ajjeefamanii fi Sudaan keessatti namoonni 60 lubbuu isaanii dhabaniin kan ka’e” jedhan.

”Haleellaan tokko michuu namoomaa irratti haleellaa hunda keenyaa fi namoota nuti tajaajillu irratti raawwatamuudha,” jedhan Fletcher. “Haleellaan sadarkaa kanaan itti gaafatamummaa zeeroo ta’een raawwatamu himannaa qaanii tarkaanfii dhabuu fi dhimmamuu dhabuu idil-addunyaati.”

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii akka jedhetti, namoota ajjeefaman keessaa harki caalaan hojjettoota biyya keessaa yoo ta’an, sarara dirqamaa irratti yookaan mana isaanii keessatti haleellaan raawwatameera.

“Akka hawaasa gargaarsa namoomaatti, ammas – warri aangoo fi dhiibbaa qaban dhala namaaf akka socho’an, lammiilee nagaa fi hojjettoota gargaarsaa akka eeganii fi yakkamtootni akka itti gaafataman gaafanna,” jedhan  barreessaa olaanaan dhimma namoomaa fi qindeessaan gargaarsa hatattamaa UN kan ta’an Fleechar jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading