• Sun. Mar 15th, 2026

Arsii Lixaa Aanaa Arsii Nageellee keessatti hidhaan hawaasa nagaatti jabaate

Aug 28, 2025

ONM-ABO Hagayya 28, 2025 

Hagayya 25, 2025 aanaa Arsii Nageellee ganda Godee Duroo jedhamu keessatti ergamtootni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Gammadaa Daddafoo Dhaqqabaa jedhamu dabalatee namoota hedduu badii tokko malee mana hidhaatti guuranii hiraarsaa kan jiran ta’uu jiraattonni ifoomsanii jiru. 

Aanaa kana keessatti gaaffii tokko malee hawaasa jumlaan mana hidhaatti guuruun hiraarsaa kan turan yoo ta’u, keessumaa gandoota akka; Godee Duroo, Bobbaasoo Reejii fi Aagaa keessatti sababa Waraanni Bilisummaa Oromoo gandicha keessa socho’uuf jecha maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhu itti maxxansuun uummata garmalee dararaa jiraachuu jiraattotni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading