• Sat. Mar 14th, 2026

Dhaabni ABO-WBO Zoonii Lixaatti miseensota waraanaa haarawaa leenjii siyaasaa fi loltummaa kennaafii ture xumursiisee eebbisuu beeksise

Sep 5, 2025

ONM-ABO Fulbaana 5, 2025 

Dhaabni uummata bal’aa fi saboota cunqurfamoof falmu ABO-WBO’n humna gita uummatichaa ta’e ijaaruuf halkanii fi guyyaa boqonnaa tokko malee hojii boonsaatti bobba’ee kan jiru, qaxaleewwan gudeeda sabichaa keessaa dhalachuun xurii garbummaa balfan yeroo yeroon ofitti fuudhee leenjii siyaasaa fi loltummaa kenneefii dirree lolaatti bobbaasuu jabeessee itti fufuun Fulbaana 2, 2025 Zoonii Lixaatti miseensota waraanaa yeroo dheeraaf leenjii kennaafii ture eebbisiisuu beeksiseera.

Akka gabaasni WBO Zoonii Lixaa irraa nu qaqqabe ibsutti, ilmaan Oromoo sammuun bibilchaatoo fi quuqama lammii qaban, waanjoo fi gidiraa garboomfataa impaayerattii balfan golee Oromiyaa keessaa seecca’uun walitti qabee seenaa uummata Oromoo fi ga’ee biyyi tokko of-dandeessee yoo ijaaramte boqonnaa sammuu fi misooma sirriin akka jiraattu barsiisaa fi akeekaa leenjistoota gameeyyiin gorsaa fi hubannoo sirrii kennaafii kan ture dhaabichi dura bu’uummaa abbaa mooraa Zoonii Lixaa kan ta’e jaal Falmii Tufaanis irbuu seensisee bobbaaseera.

WBOn mooraa Zoonii Lixaa dabalatee zooniilee biroo keessattis leenjisee bobbaasaa kan jiru yoo ta’u, torbuudhuma darbe kana Zoonii Lixaa keessatti eebba marsaa Riqichaa Tokkummaa maqaa jedhuun eebbisisee turuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading