• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Hurrumuu keessatti waraanni Bilxiginnaa uummata hidhaatti guuraa jiraachuun dhagaa’ame 

Sep 5, 2025

ONM-ABO Fulbaana 5, 2025 

Hagayya 26, 2025 godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu ganda Oggee jedhamu keessatti waraanni Bilxiginnaa uummata nagaa badii tokko malee maqaa adda addaa itti moggaasuun gara mana hiraarsaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, namoota badii tokko malee mana hiraarsaa wajiraa polisii buufata magaalaa Hurrumuutti dararamaa jiran keessaa muraasni maqaa isaanii arganne:

  1. Aja’ibii Yaaddessaa,
  2. Abdoo Lammaa,
  3. Darajjee Baqqalaa, 
  4. Alamuu Buraayyuu,
  5. Jibriil Kadir fi 
  6. Abdallaa Habtaamuu 

kanneen jedhaman ta’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf yaada isaanii kennan jedhanitti namoonni kunneen badii seeraa tokko malee halkan manneen jireenyaa isaanii keessaa waraana Bilxiginnaan kan guuramanii fi dhaaba siyaasaa kam keessaa qooda kan hin qabne ta’uus itti dabaluun ibsaniiru.

Bara bulchiinsa koloneel Abiy Ahimed kesssa tooftaan ittiin uummata gara mana hiraarsaatti guuramu qajeelfama seeraa tokko malee halkan manaa jireenyaa keessa baafamuun hidhaatti darbatamuun kanneen qabeenya qaban qarshii gurguddaa gaafatamuu fi kanneen qarshii kafalan hin qabnee immoo gidiraa hamtuuf saaxilamuu akkasumas kanneen mana hiraarsaa keessaa dirqamaan gara adda waraanaatti guuramaa jiranis hedduu ta’uu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa irraa deddeebiin Gabaasa tuuru kan yaadatamudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading