ONM-ABO Fulbaana 5, 2025
Ergamtoonni fi saamtonni murna PP Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Odaa Gudayyaa keessatti Fulbaana 2, 2025 hawaasa nagaa irratti saamicha, hidhaa fi dararaa ulfaataa garaa garaa geggeessaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoota saamichi fi hidhaan irratti raawwate keessaa kanneen ammaaf maqaan isaanii nu ga’e:
- Obbo Xuurii Dureessaa jalaa korma 1 ooffachuun isaa fi mucaa isaa kan umriin isaa ganna 15 ta’e,
- Luuccee Xuurii Dureessaas hidhaatti yoo darbatan;
- Dastaa Jiggitii jalaas Horii gaanfaa 4 fi hoolota 5 ooffachuun haadha warraa isaa,
- Aadde Zawudee Tasfaayees daa’ima ganna 2 waliin
waajjira poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiru.
Akka maddeen himanitti namoonni kunneen hirmaannaa siyaasaa dhaaba kam irraayyuu walaba ta’uu himuun, lukkeeleen sirnichaa kanneen dhala namaaf naasuu tokkollee hin qabne garuu sababa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabduu fi ilmaan keessantu bosona jira jedhuun gocha dabaa kana irratti raawwachuus dubbatu.
Dabni uummata nagaa irratti jaleewwan Bilxiginnaan geggeeffamaa jiru kun guutummaa Oromiyaa keessattis bifuma wal fakkaatuun cimee itti fufee jiraachuun kan beekamudha.

