• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti dargaggoon tokko shiftoota murna Bilxiginnaan ajjeefamuun dhaga’ame

Sep 5, 2025

ONM-ABO Fulbaana 5, 2025 

Sirna dhablummaan keessatti hidda gadi fageeffatee kan jiru impaayerri Itiyoopiyaa dhiiga ol adeemtota ilmaan Oromoo dhangaalaasuu jabeessuun Fulbaana 2, 2025 Lixa Wallagaa aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti dargaggeessa tokko ajjeesuun dhaga’ame.

Bifuma kanaanis jiraataa ganda Waandii Daallee kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Maariqos Tottoobaa jedhamu waraanni faashistii PP Fulbaana 2, 2025 ganama naannoo sa’a 5:00’tti qabanii hanga sa’a 11:00’tti dararaa ulfaataa irraan ga’aa turuun mana barumsaa sadarkaa 1’ffaa Waandii Daallee biratti harka isaa duubatti hidhuun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii gatuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Dargaggeessi kun dhalootaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Karra Waayyuu oggaa ta’u, jireenya isaa fooyyeffachuuf gara ona Qilxuu Kaarraatti dhufee hojii qonnaa hojjetee jiraachaa turus, Bilxiginnaan Oromummaa isaa qofaan yakkamee ajjeefamuu jiraattotni dabaluun ifoomsanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading