ONM-ABO Fulbaana 6, 2025
Aanaa Horroo Bulluq ganda Abbillee Igguu bakka addaa Laga Fooqaa irraa lukkeeleen impaayera bututte suphuu fi kufaatii jalaa baraaruuf hawaasa dararaa oolan, Fulbaana 2, 2025 qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Obbo Jaarsuu Likkiisaa,
- Aadde Soorettii Hinsarmuu,
- Obbo Garramuu Nagaasaa,
- Obbo Shibbiruu Ayyaanaa,
- Obbo Misgaanaa Bultoo fi
- Obbo Garramuu Ayyaanaa
jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf reebicha ulfaataa irratti raawwachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattonni gandichaa himanitti, qonnaan bultoonni kunneen kan reebichi irratti raawwatame bakka isaan midhaan ooyiruu isaanii keessaa aramanitti ta’uu fi maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo argitanii nu dhoksitan” jedhuun reebichaa fi doorsisni irratti raawwachuu dubbatu.
Ganduma sana irraa guyyaadhuma sana Fulbaana 2, 2025 barsiisaa maqaan isaa Habtaamuu Taaddasaa jedhamu, maqaa “obboleessa keetu miseensa WBO’ti” jedhuun ukkaamsanii mana hidhaa magaalaa Saqalaatti hidhanii halkan-halkan mana hidhaa keessaa gadi baasuun reebicha hamaa irraan gahaa jiraachuu fi akkuma aanichaatti dararaan ergamtoota sirnichaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.

