• Thu. Mar 19th, 2026

Baha Shaggar aanaa Boosat keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa dargaggoota humnaan leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun dhagaa’ame 

Sep 8, 2025

ONM-ABO Fulbaana 8, 2025 

Godina baha Shaggar aanaa Boosat ganda Nuuraa Asee jedhamu keessatti Fulbaana 6, 2025 hidhattoonni sirnichaa dargaggoota dabalatee namoota hedduu humnaan ukkaamsuun gara dirree leenjiitti guuraa turuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru 

Namoonni ukkaamsaman kunneen baay’inaan namoota 8 oggaa ta’an isaanis jiraattota godina Arsii Bahaa aana Jajuu magaalaa Alaagaa Duree ta’uu fi firri isaanii kan godina Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Nuuraa Asee jedhamuu tokko duunaan sirna awwaalcha isaa irratti argamuuf gamasitti akka imalantu himama.

Namoota kanneen keessatti dargaggootaa fi abbootiin maatii kan argaman yommuu ta’an, isaanis sirna awwaalchaa erga xumuranii booda waa bitachuuf gara magaalaa naannichaa yeroo deeman, hidhattoonni sirnichaa akka yakkamtootaatti itti marsuun afaan qawween dirqisiisanii ukkaamsuun isaan dabalatee namoota hedduu konkolaataa ISUZU 1 guutuu gara magaalaa Dooniitti dabarsaniiru jechuun jiraattonni dubbatu.

Namoota qabaman kannneen erga magaalaa Dooniitti dabarsanii booda ganda Siifaa Battee fi ganda Doonii jedhamu irraas dargaggoota hedduu humnaan qabuun gara magaalaa Hoolan-Citiitti kan dabarsan oggaa ta’u, namootni qabamanii jiran kunneenis tasa waan butamaniif maatiin achi buutee isaanii dhabuun dhiphina ulfaataa keessa turuu himuun, bilbila harka isaanii irratti argamutti bilbilaniifii rakkoo mudatee fi balaa irra ga’e oggaa gaafatan, leenjii milishummaaf akka qabamne jedha itti himaa jechuun  lukkeeleen Bilxiginnaa qajeelchuu isaanii dubbatu. 

Namoonni kunneen fedhii fi kaka’umsa isaanii malee qabamuu kan himan jiraattonni, osoo isaan “nuti qaama siyaasaa kamiinuu keessaa qooda fudhachuu hin barbaannuu, nuti dhukkubsattoota” jechuun sababoota garaagaraa utuu dhiheessanii huccuu fi durgoo keessan jechuun maallaqaan sossobanii uffatas itti uffisuun dirree leenjiitti galchanii ifoomsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading